Hoggantoonni KBA dhimma preezdaant Jaakoob Zuumaarratti murteessufi

Finfinnee, Gurraandhala 5,2010(FBC) – Hoggantoonni paartii Koongirasii Biyyoolessaa Afrikaa (KBA) dhimma preezdaant Jaakoob Zuumaarratti murtee dabarsuufi.

Koreen hoji raawwachiistuu dhaabbatichaa preezdaantichi akka taayitaa gadhiisan ni gaafata jedhameera.

Preezdaantiin Koongirasii Biyyoolessaa Afrikaa Siiriil Raamaafoosaan kaleessa ibsa laataniin dhimmi preezdaantichaa rakkoo ta’aa jira.

Preezdaant Zuumaan waggoota salgan taayitaarra turanitti malaammaltummaa hedduun maqaan isaanii ka’aa jira.

Torbee darbe Siiriil Raamaafoosaan preezdaant Zuumaa haasofsiisaniit turan.

Siiriil Raamaafoosaan amma preezdaantii paartichaa fi itti aanaa preezdaantii biyyattiisi.

Jaakoob Zuumaan dhiibbaan itti baay’achaa jiraatus taayitaa gadi lakkisuuf fedhii hin qabani.

Koreen hoji raawwachiistuu akka bu’u murteessinaan garuu aangoo gadhiisun isaanii waan hin oolle.

Maddi; BBC