Mariin raayyaa ittisaa fi hawaasaa Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Gurraandhala 5,2010(FBC)-Mariin raayyaa ittisaa fi hawaasa hirmaachise magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Marichi guyyaa raayyaa ittisa biyyaa 6ffaa sababeeffachuun Finfinnee bakka 5tti taa’ameera.

Raayyaan ittisa biyyaa Sadaasa 29, 1987 bifa haaradhaan hundaa’era.

Miseensonni raayyaa ittisa biyyaa Birrii biiliyoona 1tti siquun boondii hidha Haaromsaa kan bitan yammuu ta’u, namoota harka qalleeyyii ta’aniif ammoo deeggarsa Birrii miiliyoona 65 taasiseera.

Baasii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 92n daa’imman maatii hin qabneef deeggarsa kan taasise yammuu ta’u, hojiilee eegumsa naannoorrattis hirmaachaa tureera.

Kaayyon marichaa hariiroo hawaasa waliin qabu cimsuuf akka ta’e Tamashgeen Indaalaan gabaasera.