Kiim Joong-uun tokkummaan Kooriyaa lamaanii cimuu qaba jedhan

Finfinnee, Gurraandhala 6,2010(FBC)- Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun tokkummaan Kooriyaa Kibbaa waliin olompiikarratti muul’ate sadarkaa olaanaatti cee’uu qaba jedhan.

Yaalin boombii nuukleeraa fi miisaa’elaa Kooriyaa Kaabaa, hogganaashee Kiim Joong-uun dabalatee ilkaan addunyaa keessa akka galtu ishee taasiseera.

Kooriyaan Kibbaa olompiika gaggeeffamaa jirurratti garee ispoorteessitoota isaanii simattee alaabaa tokkummaan keessummeessaa jiraachuu isheetin gammachuun isaanii olaanaa akka ta’e Kiim Joong-uun himaniiru.

Jilli Kooriyaa Kaabaa obboleettii Kiim Joong-uun, Kiim Yoo-joongin duurfame gara biyyaa deebi’eera.

Preezdaantiin Kooriyaa Kibbaa Muun Jee-iin Ameerikaan Kooriyaa Kaabaa waliin mari’achuuf qophiidha jedhaniiru.

Itti aanan preezdaantii Ameerikaa Maayik Peens gama isaanitiin Kooriyaan Kaabaa marii barbaannan karri keenya banaadha jedhaniiru.

Ameerikaan garuu jilli Kooriyaa Kibbaa gara Kooriyaa Kibbaa imaluu fi ispoorteessitoonni biyyoota lamaanii alaabaa tokko jalatti hirmaachuu isaanii hin jaalanne.

Kooriyaan Kaabaa olola siyaasatiif itti fayyadamuuf malee araara hin barbaaddu yaada jedhu kaasti Ameerikaan.

Kiim Joong-uun jila gara Kooriyaa Kibbaatti ergan yammuu simatan, daawwii fi mariin ture nama gammachiisa jedhan.

Simannaa fi keessummeessi Kooriyaa Kibbaas adda ture jedhaniiru.

Maddi; BBC