Yaa’iin idil addunyaa farra IS Kuweetitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Gurraandhala 6,2010(FBC)- Yaa’iin idil addunyaa farra IS Kuweetitti gaggeeffamaa jira.

Waltajjichi IS yookin Daa’eesh guutummaan balleessuuf yaa’ii idil addunyaa mari’achaa jiru.

Yaa’icharratti ministirri Dhimma Alaa Dooktar Warqinah Gabayyoo, ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Reeks Tiilarsanii fi ministiroonni dhimma alaa biyyoota hedduu hirmaachaa jiru.

Dooktar Warqinah haasaa taasisaniin shororkeessummaan gochaa gonkumaa fudhatama hin qabne jedhanii, Ityoophiyaan shororkummaa balleessuuf hawaasa addunyaa waliin akka tumsitu himaniiru.

Waltajjichaan garee shororkeessaa idil addunyaa kana balleessuuf kallattiin ni kaa’ama jedhameet eegama.

Maddi; Ministeera Dhimma Alaa