KBA Zuuman taayitaa akka gadhiisan ifatti gaafate

Finfinnee, Gurraandhala 6,2010(FBC) –Koongirasiin Biyyoolessaa Afrikaa Zuuman taayitaa akka gadhiisan gaafate.

Hoggansi paartichaa preezdaant Jaakoob Zuuman taayitaa akka gadhiisan ifatti gaafatus, amma ammaatti taayitaarra jiraachuu miidiyaalen gabaasaniiru.

Zuuman amma har’aatti deebii akka laatani daangan yeroo kan kaa’ameef.

Preezdaantichi baatii lamaa amma 6tti taayitaa gadhiisuu akka barbaadan duraanuu ifoomsaniit turan.

Preezdaant Jaakoob Zuuman maqaan isaanii malaammaltummaan bade, bara Faranjootaa 2009 kaasee biyya isaanii tajaajilaa jiru.

Zuuman Muddeerraa kaasee taayitaa akka gadhiisan irra deddeebiin gaafatmaa turaniiru.

Jaakoob Zuuman hoggansa paartichaarraa gadhiisifamanis, amma ammaatti taayitaa preezdaantummaarra jiru.

Maddi; BBC