Koree Hoji-raawwachiiftuu ADWUI walga'ii taa'uu jalqabeera

Finfinnee, Bitootessa 2, 2010 (FBC)- Koree Hoji-raawwachiistuu Adda Warraaqsa Ummattoota Ityoophiyaa guyyaa har’aa walga’ii taa’uu jalqabeera.

Itti gaafatamaan Waajjira ADWUI Obbo Shifarraaw Shugguxeen haala yeroo dhaabaarratti kanaan dura ibsa laachun isaanii ni yaadatama.

Koreen hoji-raawwachiistuu addichaa akkaataa ittiin of ilaalerratti miseensonni addichaa arfan bu'aa gamaaggamaa irratti ni mari'atu.

Filannoon Dura-taa'aa ADWUI fi yeroon yaa'ii idilee addichaa itti gaggeeffamu akka dheereffamu Mana-maree ADWUIf gaaffii dhiyeessuurrattis nimari'atama jedhamee eegama.

Waltajjii korichaatin booda walga'iin Mana Maree ADWUI nigeggeeffama.

Walga'ii kanarrattis bakka dura taa’aa fedhii isaanitiin taayitaa kan gadhiisan bakka Obbo Haaylamaariyaam Dassaalany dura taa'aan addichaa nifilatama.

Sochii dhaabaa, rakkoolee fi kallattiiwwan furmaataarratti manni marichaa mari'atee murtee ni kaa'an eegama.