Yuunvarsiitin Baahir Daar afaan Oromoo barsiisufi

Finfinnee,Bitootessa 3,2010(FBC)-Yuunvarsiitin Baahir Daar afaan Oromootin barsiisuuf qophii taasisaa jira.

Yuunvarsiitichatti diinin muummee barnoota Hiyuumaaniitii Dooktar Daawiit Amoonyan akka jedhanitti, afaan Gi’iizii seenaa Ityoophiyaa durii waliin qindoominaan barsiisuuf galmee eegaleera.

Afaan Oromoo barsiisuufis qophiin sirna barnootaa fi qorannaan biroo gaggeeffamaa jira jedhan.

Muummen barnootichaa tiyaatiraa fi fiilmiis barsiisuufis qophiirra akka jiru diinichi ibsaniiru.

Dhaabbata qorannaa fi gabbisa afaan Amaaraas banee gumaacha taasisaa jiraachuu Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Naannoo Amaaraarraa odeeffanneerra.