Baangilaadishiitti Xiyyaarri namoota 71 fe’ee imalaa ture kufe

Finfinnee, Bitootessa 3,2010 (FBC)Baangilaadishitti Xiyyaarri imaltoota 67 fi hojjettoota xiyyarichaa 4 qabatee imalaa ture Neepeelitti kufe.

Xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Neepeel Kotamandiitti yeroo qubachuuf gaheetti kufuun balaan qaqqabuu isaa ibsameera.

Balaa kanaanis namootni 50 ol yoo du’an, namoota hafan baraaruf tattaafachaa jiraachuu dubbi himaan buufatichaa ibsaniiru.

Balaalliin buufatichaa hunduu guyyaa har’aa haqamuu himameera.