Ameerikaan Sooriyaatti tarkaanfii fudhattuuf Raashiyaan deebii akka laattu himte

Finfinnee, Bitootessa 4,2010(FBC)- Jeneraalli Raashiyaa tokko haleellaa Ameerikaan Sooriyaa keessatti gaggeessitu Raashiyaan callistee hin ilaaltu jedhan.

Haleellaawwan Ameerikaan miisaa’elaanis haata’u laawuncharaan Sooriyaatti gaggeessituun lubbuun nama keenyaa soda takka keessa galuu hin qabuun dhaadataniiru.

Sooriyaa keessa lammiilen ergama Raashiyaa raawwachiisan, gorsitoonni, gareen marii fi araara humna mormitoota waliin mijeessan, ogeeyyin deeggarsaa fi tajajaila addaa laatan hedduutu jira.

Raashiyaan akeekkachiisa kanaan kan gadi baate Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti ambaasaaddarri Ameerikaa Niikii Haaleey biyyi isaanii Sooriyaa haleeluuf qophii ta’uu ega ibsaniin booda.

Bara darbe mootummaan Sooriyaa miidhaa keemikaalaa qaqqabsiiseraan Ameerikaan tarkaanfii cimaa fudhachuun ishee ni yaadatama.

Haleellaa kana booda fudhatamuun Damaasqon xiyyeeffannaa Ameerikaa jala jiraachun akeekkachiifameera.

Kanaaf fakkaata Raashiyaan daftee gaarreffachaa kan jirtu.

Maddi; Press TV