Ayarlaand Itiyoophiyaaf deggarsa Yuuroo miliyoona 3 arjoomte

Finfinnee, Bitootessa 4, 2010 (FBC) Ayarlaand Yuuroo miliyoona 3 gargaarsa namoomaa Itiyoophiyaa keessaf oolu arjoomte.

Deggarsi karaa 'Irish Aid' kenname kun lammilee deggarsi ariifachiisaa barbaachisuuf nyaata gabbisaa, bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajila mana-fincaanii dhiheessuuf oola jedhameera.

Ayarlaand A.L.A 2015 as deggarsa Yuuroo miliyoona 12 ol gargaarsa namoomaaf oolu Itiyoophiyaaf arjoomuushee Ambaasaaddarri Biyyattii Itiyoophiyaattii Soonjaa Heelaand ibsaniiru.

Ambaasaaddar Soonjaan biyyisaanii erga 2014 as sagantaalee tumsaa gara-garaan ammoo Itiyoophiyaadhaaf Yuuroo miliyoona 100 fi miliyoona 30 ol kennuushee himaniiru. Fuul-durattis biyyisaanii hojiilee misoomaa gara-garaa fi deggarsa namoomaaf arjoomuushee akka itti-fuftu mirkaneessaniiru.

Dabalataanis, Ayarlaand waggoota 25 darbanitti Itiyoophiyaa waliin dameelee gara-garaan tumsitee hojjataa akka jirtu ambaasaaddarittiin himaniiru. Faasikaaw Taaddasaatu gabaase.