Reeks Tiilarsan hoggantummaarraa kaafaman

Finfinnee, Bitootessa 4,2010(FBC)-Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Ministira Dhimma Alaa isaanii Reeks Tiilarsaniin  taayitaarraa kaasan.

Bakka Tiilarsan Daayrektarri Eejansii Basaasaa Giddugaleessaa (CIA) Maayik Poompewoon akka bakka bu'an kaadhimaniiru.

Daayirektara 'CIA'f ammoo yeroo jalqabaatiif dubartiin Giinaa Hoospeel jedhamtu kaadhimamteetti.

Tiraamp ergaa Tiwiitaraan dabarsaniin tajaajila Reeks Tiilarsan biyya isaanitiif laataniif nigalateeffanna jedhan.

Muudamaa haaraan ammoo Ameerikaaf waan jabaa kan hojjetan ta’uu eeraniiru.

Hoji-raawwachiisaa Olaanaan duraanii Dhaabbata Eksoon Moobaayil Tiilarsan Ministira Dhimma Alaa ta’anii waggaadhaa oliif tajajailaa turaniiru.

Maddi:  BBC