Oromiyaa fi Afaaritti saaxilama balaa lolaa adda baasuun, ittisuun hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitootessa 12,2010(FBC)- Oromiyaatti Shawaa baha fi naannoo Afaaritti bakka balaa lolaaf saaxilaman adda baasuun, hojiin ijaarsa hidhaa fi kallattii jijjiirsistuun hojjetamaa jiraachuun himame.

Daayreektarri olaanaan Abbaa Tayitaa Sulula Awaash obbo Geetaachaw Gizaaw Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti akka himanitti, qorannaan gaggeeffamee naannoleen balaa lolaaf saaxilamoo ta’an adda baafamaniiru.

Sulula Awaash kiilo meetira 1200 keessaa 390 balaa lolaaf saaxilamaa ta’uun beekameera.

Naannolee balaa lolaaf saaxilamoodha jedhaman keessattis Gawwaanee, Gala’aaloo, Asaayitaa, Afaamboo, Dubtii Amibaaraa fi Duulasaan hammatamaniiru.

Hojiin diizaayinii kanaan duraa sirreessuu fi haaradhaan bakka buusuu hojjetamuunis eerameera.

Jijjiirsistuun kallattii, hojiin diizaayina lafa keessaa fi lafa lolaan irra ciisu biyyoon guutun hojjetameera.

Abbaan taayitichaa akka jedhutti qaamolee dhimmi ilaallatu waliin lafa bara darbe lolaadhan miidhaman adda baasuu fi dandamachiisunis hojjetameera.

Itti gaafatamaan Bulchiinsa Hoggansa Sodaa Balaa Shawaa bahaa obbo Jeeylaan Ahimad gama isaanitiin godinichatti aanaalee balaa lolaaf saaxilamoo ta’an 5 keessatti gandoonni 27 amma 30 jiraachuu kaasu.

Abbootii warraa naannoo lagichaarra turan 50 gaarrenitti qubachiisunis hojjetameera jedhan obbo Jeeylaan.

Saaxilama balaa lolaarratti itti fufiinsan hojjechuun, balaa gama kanaan qaqqabu hir’isuun akka danda’amus eerameera.

Taariik Addunyaatu gabaase.