Traamp waraana isaanii Sooriyaadhaa akka baasan amansiise- Maakron

Finfinnee Ebila 8,2010 (FBC) Preezdaantiin Fraansay Amanu’eel Maakron Preezdaant Traamp waraana isaanii Sooriyaadhaa dafanii akka baasan amansiisuu beeksiisan.

Kana dura Traamp waraana isaanii Sooriyaadhaa akka baasan ibsanii turan.

Ibsi Maakron erga dhaga’ame dubbi himaan masaraa adii Saaraa Sandiras ergamni Ameerikaa akka hin jijjiramne eerun, ammas taanaan waraanni keenya daddaffiin Sooriyaadha  akka bahu preezdaantichi fedhii qabu jedhaniiru.

Traamp torbee darbee yeroo Sooriyaa irratti haleellaa akka fudhatan ibsan,Ameerikaan Sooriyaa keessa turuu akka hinqabne ibsanii turan.

Ameerikaa,Faraansay fi Biriteen bulchiinsa Bashar Al Asaad irratti tarkaanfin fudhatan milkaa’aa ta’uu ibsaniiru.

Madda: BBC