Nagaa eegsisuurratti dhaabbatichi Ityoophiyaa waliin hojjechuu akka itti fufu ibse

Finfinnee, Ebila 8,2010(FBC)- Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa aadde Hiiruut Zammanaan gargaaraa barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii damee nagaa kabachiisaa waliin mari’atan.

Manni Maree Nageenyaa nagaa eegsisuurratti Ityoophiyaa waliin hojjechuuf filachuun isaa jajjabeeffamuu qaba jedhan aadde Hiiruut.

Hogganaan damichaa Jiin Peeree Laakrooykis minister deettaa aadde Hiiruut Zammanaa waliin nagaa kabachiisuu dhaabbatichaarratti mari’ataniiru.

Aadde Hiiruut Ityoophiyaan nagaa fi tasgabbii naannichaa eegsisuu keessatti ga’ee olaanaa akka qabdu himuun, dhaabbaticha waliin qindoominaan hojjechuu kan itti fuftu ta’uus eeraniiru.

Jiin Peeree Laakrooykis gama isaanitiin Ityoophiyaan nagaa eegsisuurratti muuxannoo ga’aa akka qabdu himanii, kallattii haaraa dhaabbatichaas ibsaniiru.