Ityoophiyaa fi Maaltaan oomishoota qaraxaan ala galchuuf waliigalan

Finfinnee, Ebila 8,2010(FBC)-Ityoophiyaa fi Maaltaan oomishoota qaraxaan ala galchuuf waliigalan.

Jilli Ityoophiyaa ministir deettaa Ministeera Dhimma Alaa Dooktar Akliiluu Haaylamikaa’eel duurfamu waltajjii marii daldalaa Maaltaatti qophaa’erratti hirmaataniiru.

Waliigalteen irra ga’ame daldala biyyoota lamaanii kan cimsu ta’uun eerameera.

Ministir deettichi Ityoophiyaan carraalee invastimantii hedduu fi haala mijataa akka qabdu ibsaniiru.

Jilichi ministira Dhimma Alaa Maaltaa Kaarmeeloo Abeelaa waliin hariiroo daldalaa fi diinagdee biyyoota lamaanii cimsuurratti mari’ateera.

Jilichi hoteelaa fi tuuriizimii, dhaabbilee qonnaa fi qindeessa oomishaalee qonnaa biyyattii daawwateera.

Waltajjiin marichaa Roomitti imbaasii Ityoophiyaa, Ministeera Dhimma Alaa Maaltaa fi Ministeera Daldalaa qindoominaan qopheessuu isaanii Waajjira Odu Himaa Ministeera Dhimma Alaarraa odeeffannoon arganne ni muul’isa.