Muummeen ministiraa Armeeniyaa taayitaa gadhiisan

Finfinnee, Ebila 15,2010(FBC) – Muummeen ministiraa Armeeniyaa dhiyeenya muudaman taayitaa gadhiisan.

Muummee ministiraa Seerz Sarjiyaan muudamuun ega dhaga’amee guyyootaf mormii cimaan gaggeeffamaa tureera.

Magaalaan guddoo biyyattii Yaravaanis guyyootaf mormii keessummeessaa turteetti.

Ummanni mormiidhaf addabaaba’ii kan ba’e muummee ministirichaa malaammaltummaa fi abbaa irrummaan waan isaan argeefi.

Muummee ministiraa Seerz Sarjiyaan waggoota 10f preezdaantii biyyattii ta’uun tajaajilaniiru.

Bara preezdaantummaa isaanii xumuruun ammammoo muummee ministiraa ta’anii muudamaniit turan.

Hogganaan paartii mormituu biyyattii Niikool Paashiinyaan sababii mormichaatin kaleessa hidhaman har’a gadhiifamaniiru.

Maddi; Aljaziiraa