Itti Aanaan preezdaantii Baankii Adunyaa Ityoophiyaatti daawwannaa taasisuufi

Finfinnee, Caamsaa 6,2010 (FBC) – Itti Aanaan Preezdaantii Baankii Adunyaatti   Maaktil Diiyoop Ityoophiyaatti daawwannaa guyyaa 3 taasisuufi.

Daawwannaan kun wal deeggarsa Ityoophiyaan Baankii Adunyaa waliin qabdu cimsuufi jedhameera.

Itti Preezdaantichaa yeroo turtiitti Muummee Ministira FDRI Dooktar Abiyyi Ahmad waliin ni mari’atu.

Akkasumas Ministira Maalaqaa fi Walta’iinsa Dinaagdee Dooktar Abrahaam Takastee waliinis ni mari’atu jedhamee eeggama.

Dabalataanis dhaabbilee idil adunyaa keessaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanitti Komishinii dinagdee fi Gamtaa Afrikaas ni qunnamu.