Soomni Ramadaanaa bor jalqabama

Finfinnee, caamsaa 8, 2010 (FBC) Soomni Ramadaanaa 1,439ffaa bor akka jalqabamu Manni-maree Dhimmoota Islaamaa Waliigalaa Itiyoophiyaa beeksise.

Pireezdaantiin Mana-marichaa Sheeh Mahaammad Amiin Jamaal Umar soomni Ramadaanaa guyyaa soomaan halkan ammoo kadhannaan kan geggeffamudha jedhaniiru.

Hordoftoonni amantichaa yerooo soomaa kana kanneen dhibaman gaafachuun fi kanneen rakkatan gargaaruun dirqama amantaa isaanii akka ba’an waamicha dhiheessaniiru. Kana malees, itti-gaafatamummaa hawaasummaa isaanii akka raawwatan pireezdaantichi gaafataniiru.