Hoji-geggeessaan Warshaa Simmintoo Daangotee miidhaa namoota waliin isaanii hin-baramneen irra qaqqabeen lubbuun isaanii darbe

Finfinnee, Caamsaa 8, 2010 (FBC) Hoji-geggeessaan Warshaa Simmintoo Daangootee - Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa keessatti argamuu namoota waliin isaanii hin-baramne hidhataniin miidhaa irra qaqqabeen lubbuun isaanii darbe.

Hojjattoonni warshichaa lama isaan waliin turanis lubbuun isaanii darbuu Komaand Poostiin Labsii Yeroo Ariifachiisaa ibsa Faanaa Biroodkaastiing Krpoireetii ergeen eereera.

Komaand poostichi humnnoonni nageenyaa wayita ammaa namoota gocha kana dalagan adamsanii qabuuf hordoffiitti akka jiran ibsuun, shakkamtoota qabuuf carraaqii taasifamu hawaasichi akka tumsu gaafateera.