Pool Kaagaameen daawwii hojiitif booru Finfinnee galu

Finfinnee, Caamsaa 15,2010(FBC) -Preezdaantiin Ruwaandaa Pool Kaagameen daawwii hojiitif booru Finfinnee galu.

Daawwii hojii kanaan qondaaltota mootummaa waliin hariiroo biyyoota lamaanii cimsuurratti ni mari'atu.

Preezdaantichi bu'uuraalee misoomaa fi paarkii indaastirii Hawaasaa ni daawwatu jedhameet eegama.

Ityoophiyaan bara darbe Ruwaandaatti imbaasiishee banteetti.

Preezdaant Pool Kaagaameen dura taa'aa Gamtaa Afrikaa yerichaati.