Siyaasni biyyattii qabsoo nagayaatif mijachuu isaatin gara biyyaa deebineerra- Obbo Yoonaataanii fi Koloneel Abbabaa

Finfinnee, Waxabajjii 4,2010(FBC)- Hundeessaa fi miseensa koree hoji raawwachiistuu DhDUO kan turan obbo Yoonaataan Dubbisaa fi miseensa raayyaa ittisa biyyaa fi booddee qabsoo hidhannoo kan filatan Koloneel Abbabaa Garasuu nageenya biyyatti uumameen gara biyyaa deebi'an.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waamicha nagayaa dhiyeessaniin gara biyyaa deebi'uuf akka murteessan Tajaajila Oduu Ityoophiyaatti himaniiru.

Obbo Yoonaataan Ityoophiyaadhaa ega ba'aniin booda, Eertiraatti hoggansa siyaasaa ABO ta'uun tajaajilaa turaniiru.

Obbo Yoonaataan biyyaa ba'anii waggoota 17f biyya hambaa turaniiru.

Amma haalli siyaasa biyyattii tasgabbaa'aa waan jiruuf gara biyyaa deebi'uuf akka murteessan ibsaniiru.

Koloneel Abbabaa Garasuun ammoo miseensa raayyaa ittisa biyyaa ta'anii tajaajilaa turaniiru. Booddee loltoota 100 qabachuun Eertiraa seenuun ABOtti makamanii mootummaadhan lolaa turaniiru.

Koloneel Abbabaan waggoota 11f ala turaniiru.

Amma haalli biyyattii siyaasa nagayaatif mijataa waan ta'eef waamicha qabsoo nagayaa mootummaan dhiyeesse fudhachuun gara biyyaa deebi'eera jedhaniiru.

Koloneel Abbabaa Garasuu fi obbo Yoonaataan Dubbisaa har'a muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin xiyyaara tokkoon gara biyyaa deebi'aniiru.