Ityoophiyaanonni godaansarra turan 361 gara biyyaa deebi'an

Finfinnee, Waxabajjii 5,2010(FBC)- Ityoophiyaanonni godaansarra tutran 361 gara biyyaa deebi'an.

Lammiilen gara biyyaa deebi'an kanneen faddaaltota seeran alaatin Jibuutii kan galanii fi waraana Yaman keessa jirurraa kan ka'e gara Jibuutii kan deebi'ani.

Jibuutiitti imbaasiin Ityoophiyaa fi Dhaabbanni Baqattoota Idil Addunyaa lammiileen kanneen gara Ityoophiyaa akka deebi'an haala mijeessaniiru.

Kan hafan 24 ammoo booru gara biyyaa kan deebi'an ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiseera.

Kanaan dura baatiiwwan salgan darbanitti lammiileen 1700 gara biyyaa deebi'uun ni yaadatama