Biriteen waliigaltee niwikilara dhabamsiisuu Kooriyaa Kaabaa akka deggartu ibsite

Finfinnee, Waxabajjii 5, 2010 (FBC) Yunaayitid Kiingdam waliigaltee Pireezdaantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp fi Duree Kooriyaa Kaabaa Kim Joong Un gidduutti mallatteeffame akka deggartu beeksifte.

Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Boris Joonsan “Pireezdaantiin Ameerikaa Tiraamp fi Kim Jong Un yaa’ii faayidaa qabu geggeessuusaanii nideggara” jedhaniiru. “

Pireezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampii fi Dureen Kooriyaa Kaabaa Kim waliigatee kanaan Ameerikaan nageenya Kooriyaa Kaabaaf da’oo ta’uuf, Kooriyaa Kaabaa ammoo deebiisaan niwikilara dhabsiisuu xumuruuf kutannoo ishee agarsiisuuf waliigalaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Kiingdam Booris Joonsan “carraaqii Yunaayitid Isteets dachee Kooriyaa niwikilara irraa bilisa gochuuf taasiftuuf Yunaayitid Kiingdam deggarsa ishee kennuu itti-fufti” jedhaniiru.

Tarkaanfii fuul-duraa irratti mari’achuuf walga’iiwwan biroo kaan Waashingtan fi Piyoongiyaang gidduutti karoorfamaniiru.

Madda: https://www.aa.com.tr