Barattootni qabeenya barbadeessuu irraa of qusachuu qabu: Yuunvarsiitii Bahaar Daar

Finfinnee, Waxabajjii 06,2010 (FBC)-Barattootni Yuunvarsiitii Bahaar Daar Poolii Teeknikaa qabeenya barbadeessuu irraa akka of qusatan yuunvarsiitichi hubachiise.

Itti Gaafatamaan Waajjira Preezdaantii yuunvarsiitichaa obbo Araggaw Buzaalem barattootni amma to’annoo ol ta’anii jiru,poolisoonni mooraa tasgabeessuu hin dandeenye waan ta’eef, dhimmicha tasgabeessuf poolisiin kora bittisaa seenee jira jedhaniiru.

Amma barattoota gara kutaa ciisicha isaanitti deebisuu danda’amuus eeraniiru.

Akka ibsa itti gaafatamtichaatti barattootni qabeenya barbadeessuu irraa akka of qusataniif hiriyoota isaaniin gorfamuu akka qaban gochaa jirra jedhaniiru.

Barattootni dhaabbileen teekinooloojii yuunvarsiitii Bahaar Daar qormaata barattoota yuunvarsiitii biraan adda ta’etu nuuf kennama jechuun komachuun isaanii ni yaadatama.

Maddi: Ejeensii Miidiyaa Amaraa