Dr. Abiy, Saalvaa Kiirii fi Reek Maachaar Finfinneetti walga’anii akka mari’atan affeeran

Finfinnee, Waxabajjii 7,2010(FBC)-Dura taa’aan IGAD fi muummeen ministiraa Dooktar Abiy Ahimad preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiirii fi mormituun isaanii Reek Maachaar Finfinneetti walga’anii akka mari’atan affeeran.

Paartiin mormituu Sudaan Kibbaa SPLM hogganaan isaa Reek Maachaar marii IGAD Waxabajjii 13,2010 Finfinneetti gaggeeffamurratti akka hirmaatan dura taa’aa IGAD Dooktar Abiy Ahimadirraa affeerraan dhiyaachufii ibseera.

Dura taa’aan dhimmoota koominikeeshinii biyyoolessaa paartichaa Maabooyir Graand Dee Maabooyir, hogganaan isaanii Reek Maachaar preezdaant Saalvaa Kiir waliin Finfinneetti marii gaggeeffamurratti akka dhiyaataniif affeerraa IGAD dhiyeesse paartiin isaanii fudhateera.

Affeerricharratti preezdaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir amma ammaatti homaa jechuu baatanis, affeerraan amma Dooktar Abiy dhiyeessan kan preezdaantiin Sudaan Oomaar Albashir kanaan dura dhiyeessan waliin walfakkaataa ta’uu ibsaniiru.

Affeerraa marii Kaartuum dhiyeessiterrattis Dooktar Abiy kan hirmaatan ta’uun ibsameet ture.

Preezdaant Saalvaa Kiir kanaan dura hogganaa mormituu Riik Maachaar waliin dhimma Sudaan Kibbaa irratti mari’achuun nagaa fi tasgabbii buusuuf qophii ta’uu isaanii beeksisaniit turan.

Riik Maachaar yeroo ammaa Afrikaa Kibbaatti hidhaa dhaabbiirra akka jiran ni beekama.

Maddi; Sudaan Triibyuun