Ganna baranaa biqiltuu biiliyoona 4 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 7,2010(FBC)- Ganna baranaa biqiltuu biiliyoona 4 ol dhaabuuf qophiin taasifamuu isaa Ministeerri Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa beeksise.

Walumaa galatti biqiltuu biiliyoona 4.3 dhaabufi kan qophaa'ame.

Kanaafis lafti heektaarri kumni dhibbi 3 ol qophaa'era.

Lafa qophaa'efis biqiltuu biiliyoonni 1.8 qophaa'uu ministeerichatti daayreektar janaraalli misooma bosonaa obbo Abbitaw Shibaabbaaw himaniiru.

Uwwisa bosona biyyattii irratti qorannaa taasisuuf qophiin taasigfamaa jiraachuu obbo Abbitaw himaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu dhuma baatii kanaa kan eegalamu ta'a.

Dhuma waggoottan lamaanitti uwwisa bosona biyyattii %20n ga'uuf hojjetamaa jira.

Haaylamikaa'eel Abbabaatu gabaase.