Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan Ityoophiyaa daawwachuufi

Finfinnee, Waxabajjii 7,2010(FBC)- Bakka bu'aan mootii Emmireetota Araba Gamtoomanii Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan booruu jalqabanii guyyoota 2f Ityoophiyaa daawwatu.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan preezdaantii mootummaa FDRI Dooktar Mulaatuu Tashoomaa fi muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad waliin dhimmoota waliinii fi naannoorratti ni mari'atu jedhameet eegama.

Dura taa'aa Gamtaa Afrikaa Muusaa Faqii waliinis walarganii ni mari'atu.

Turmaata isaanii Ityoophiyaatinis dhaabbilee misoomaa kan daawwatan ta'uu waajjirri odu himaa Ministeera Dhimma Alaa beeksiseera.

Dhiyeenya muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Emmireetota Arabaa Gamtoomanii kan daawwatan yammuu ta'u, sooreyyiin biyyattii Ityoophiyaatti invast godhaniiru.

Ammas damee qonnaa fi tuuriizimiirratti akka hirmaatan ni barbaadama.