Guyyaa wareegamtoota naannoo Tigraay sababeeffachuun sirreeffamtoota 2,111f dhiifamni taasifame

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2010(FBC)-Guyyaa wareegamtoota naannoo Tigraay sababeeffachuun sirreeffamtoota 2,111f dhiifamni taasifame.

Mootummaan naannoo Tigraay waggaa waggaadhan Waxabajjii 15 guyyaa wareegamtootaa ni kabaja.

Waajjirri Abba Bilisummaa Ummata Tigraay(ABUT) akka beeksisetti ayyaanicha sababeeffachuun sirreeffamtoota seeraa 2,111f dhiifamni taasifameera.

Kanaan dura bara haaraa 2010 irratti sirreeffamtoota 957f, ayyaana Caamsaa 20 irratti ammoo sirreeffamtoota 2206f dhiifama taasiseera.