Ayyaana Iidaarratti daandiiwwan cufaman ifooman

Finfinnee, Waxabajjii7,2010(FBC)-Sirna kabaja ayyaana Iidaa magaalaa Finfinnee irratti daandiiwwan cufaman ifooman.

Masaraa Araat Kiilotii daandii gara Istaadiyeemii Finfinnee geessu, Sangaa Taraadhaa, Xiqur Anbassaa, Tiyaatira Biyyoolessaa fi Istaadiyeemii geessan dhiisuun konkolaachistoonni daandiiwwan biroo akka fayyadaman Koomiishiniin Poolisii Finfinnee beeksiseera.

Daandiiwwan qaxxaamuraa, Laga Haarii gara Meeksiikoo, addabaaba'ii Masqalaas kabaja ayyaanichaatif jecha tajaajila tiraafikaatif cufaa akka ta'an koomiishinichi beeksiseera.

Maddi; TOI