Afaar magaalaa Dichoottootti balaa boottedhaan qaqqabeen baankonni 2 barbadaa'an

Finfinnee, Adoolessa 2,2010(FBC)- Naannoo Afaar aanaa Eldihaar magaalaa Dichoottootti bootteewwan boba'aa lama walitti bu'anii ibidda uumameen gamoowwan naannichaarra balaan ga'e.

Itti gaafatamaan poolisii magaalichaa Kumalaa Usmaan Mahaammad Alii FBCtti akka himanitti, balichi kan qaqabe bootten boba'aa xiyyaaraa fe'ee Jibuutidhaa dhufaa ture boottee bitraatti bu'uu isaatini.

Balichaanis baankin Daldalaa Ityoophiyaa fi Anbassaa guutummaan barbadaa'aniiru.

Balaa guyyaa sa'aa 8tti qaqqabe kanaan manneen daldalaa fi jireenyaas miidhamaniiru.

Ibiddicha to'achuuf hojjetamaa kan jiru yammuu ta'u, konkolaachistoonni boottetis to'annaa jala oolaniiru.

Taariik Addunyaatu gabaase.