Ameerikaan meeshaalee Chaayinaa kuma 6 irratti qaraxa akka keechu ifoomsite

Finfinnee, Adoolessa 04,2010(FBC)-Ameerikaan qaraxa dabalataa hanga Doolaara biliyoona 200 meeshaalee Ameerikaa irra akka keessu beeksiiste.

Tarkaanfin kunis kan fudhatame erga biyyootni lamaan qaraxa Doolaara biliyoona 34 walirratti kaa’aniiyi.

Preezdaant Doonaald Traamp Chaayinaan tarkaanfii walfakkaatu fudhatti taanaan qaraxa dabalataa irratti akka kaa’an ibsanii turan.

Bu’uruma kanaan gosoota meeshaalee Chaayinaa kuma 6 kanneen akka oomisha nyaataa, albuudaa fi meeshaalee biroo irratti qaraxa dabalataa kan keechu ta’uu beeksiistee jirti.

Qaraxni kun daldala seraan alaa Chaayinaan tarkaanfachisaa jirtuuf deebii ta’a jedhan warri masaraa adii.

Bakka bu’aan daldala Ameerikaa Roobeert Liiytizer dhimmi deebii laachuu Chaayinaa wanti ibsame hin jiru jedhan.

Maddi: BBC