Dogongora raawwatameef mootummaa fi dhaabni naannicha bulchu dhiifama gaafata -Abdii Mahaammad Umar

Finfinnee, Adoolessa 5,2010(FBC) -Dogongora ummatarratti raawwatameef, mootummaa fi dhaabni naannicha gaggeessu Paartin Demokraasummaa Somaalee Ityoophiyaa itti gaafatama akka fudhatu preezdaantiin naannoo Somaalee Ityoophiyaa Abdii Mahaammad Umar ibsan.

Preezdaantichi kana kan jedhan walga'ii idilee mana maree naannichaa kaleessa eegalamerratti.

Preezdaantichi jijjiirrama muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad guyyoota 100 keessatti galmeessisan ilaalchisee mana marichaaf ibsa laataniiru.

Preezdaantin naannichaa karoorri muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad; ida'amuu, dhiifamaa fi jaalalli sadarkaa koree hoji raawwachiistuu paartichaatti guutummaan fudhatamuu ibsanii, hojiirra oolmaa isaatifis kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.

Addi Bilisummaa Biyyoolessaa Ogaadeen akkaataa Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa moggaasa shororkummaa irraa kaasen, gara biyyaa deebi'ee sochii siyaasa nagayaatti akka makamu ni hojjenna jedhaniiru.

Paartii fi mootummaan naannoo Somaalee Ityoophiyaa bulchaa jiru yaada araaraa, dhiifama, jaalalaa fi ida'amuu Dooktar Abiy fudhachuun, rakkoo amma ammaatti mudateef ummata dhiifama gaafanna jedhaniiru.

Yaa'iin mana marichaa har'as itti fufeet kan gaggeeffamu ta'uu Tajaajilli Oduu Ityoophiyaa gabaasera.