Nagaa fi tasgabbiin akka hin buunef gufuun alaa komannu hin jiru -obbo Gadduu Aandaargaachaw

Finfinnee, Adoolessa 5, 2010(FBC) - Naannoo Amaaraatti nagaa fi tasgabbiin akka hin buunef gufuun alaa komannu hin jiru jedhan preezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraa obbo Gadduu Aandaargaachaw.

Naannichatti nagaa fi tasgabbiin hin buunen quba keenya Adda Bilisummaa Ummata Tigraayitti qabuu hin dandeenyus jedhan obbo Gadduun.

Olaantummaan seeraa akka hin kabajamne, seer maleessummaan akka babal'atu kan taasise numa; itti gaafatama fudhachuu kan qabu qaama alaa kamuu osoo hin taane, nudha jedhan.

Preezdaantichi kana kan dubbatan walga'ii mana maree naannichaa kaleessa jalqabee har'as itti fufuun gaggeeffamaa jirurratti.

Amma dirreen siyaasaa hundaaf qixa banameera; itti gaafatama ofii keenyaa fudhachuu qabnu dhiisnee ormatti quba qabuu hin qabnu jedhaniiru.

Jijjiirramni eegalame lafa akka qabatuuf ummanni tasgabbaa'ee sochii nagayaa fi hojii misoomaatti naanna'uu qabaanis dhaamaniiru.