Galiin ‘Yahoon’ nuusaa waggichaatti argate dhibbantaa 22n dabaluusaa beeksise

Finfinnee, Ebila 12, 2009 (FBC) Galii ‘Yahoon’ nuusaa bara 2017 (A.L.A) tti argate dhibbantaa 22.1n dabaluusaa beeksise.

Akka ibsa Yaahootti dabaluu galichaaf akka sababaatti kan eeraman keessaa beeksisoonni viidiyoo maarsariitiiwwan hidhata hawaasummaa gara-garaa fi bilbilootni mobaayilii keessatti argamu.

Nuusaa waggaa jalqabaattis tajaajiloota kanneeniin qofa waliigalaan Doolaara Ameerikaa miliyoona 500 fi miliyoona 29 argachuusaati kaampaanichi kan beeksise.

Kanaanis galii ‘Yahoon’ argate Doolaara Ameerikaa biliyoona 1.09 irraa gara Doolaara Ameerikaa biliyoona 1.33 guddachuusaati kan himame.

Madda: www.reuters.com