Chaayinaan koompiitaroota ciccimoon addunyaa duursaa jirti

Finfinnee, Sadaasa 5,2010(FBC)-Chaaynaan suuppar koompiitaroota hedduu qabaachuun addunyaarraa tokkoffaadha.

Koompiitaroota ariitii fi faayiloota hedduu kuusuu danda’an addunyaarra jiran 500 keessaa 202 qabdi.

Chaayinaatti aantee Ameerikaan 143 qabdi. Qorannaan damichaan eegalame waggaa 25 guutus Ameerikaan Chaayinaa duursaa turteetti. Amma garuu dubbiin foggisoo ta’ee Chaayinaan sadarkicha irraa fudhatteetti.

Jaappaan siistama 35n sadaffaa, Jarman ammoo 20n arfaffaadha.

Adoolessa keessa Ameerikaan 169, Chaayinaan ammoo 160 qabdi jedhame.

Amma Chaayinaan caaltee argamuun dhimmichaaf xiyyeeffannaa laattee hojjechuushee muul’isa jedhameera.

Koompiitaroonni ammayyaa kanneen;

Qorannaa faalama qilleensaa,

Siimuleetara nuukleera,

Qorannaa boba’aa,

Haala qilleensaa raaguu,

Qorannaa DNA,

Baayoo moolookiila saamuuduu,

jaall.jpg

Koompiitarri Chaayinaa Sanweey Taayhuulaayit ariitiin addunyaarraa tokkoffaadha. Peetaafloop 93 hojjechuu danda’as jedhameera.

Kan Ameerikaa Tiitaan ammoo peetaafloop 17.6 hojjechuu danda’a.

Kan Chaayinaa humna raawwachuu(aggregate performance, and total processing power) 35.4% qaba, kan Ameerikaammooo 29.6%.

Chaayinaan koompiitaroota ciccimoo addunyaa kanneen daldalaaf hojjette. Dhaabbilee biyya keessaa fi alaa akkasumas mootummaaf kireessuun maallaqa argachuuf hojjeta.

Chaaninaan hojii kanaan daldaluun ala, Ameerikaa caalaa akka jirtu agarsiisuf hojjette jedhameera.

Maddi; BBC