Feesbuukin fuula sobaa miliyoona 500 ol cufe

Finfinnee, Caamsaa 8,2010 (FBC) – Feesbuukiin akka lakkoofsa Awurooppatti bara 2018 kurmaana 1ffaatti fuula feesbuukii sobaa walakkaa biliyoonaa ol ta’u cufuu beeksiise.

Feesbuukin mirga fayyadamtootaa kan dhiibuu fi jechoota arabsoo warreen tamsaasan irratti too’annoo jalqabuun tarkaanfii cufuu fudhata jira.

Dabalataanis qabiyyee walitti bu’iinsa fuula feesbuukin tamsa’an miliyoona 3.5 of eeggannoo fi akka bu’an godhee jira.

Kana keessaa dhibbeentaan 85 osoo maamila bira hin gahiin akka bu’u taasisuu dhaabbatichi ibseera.

Jechoota jibbaaf oolaan bara faraanjootaa 2018 kurmaana 1ffaatti miliyoona 2.5 fuula feesbuukii irraa kaa’uu himameera.

Qabiyyee shoroorkeessummaa kan qaban miliyoona 1.9 feesbuukii irraa akka ka’an taasifameera.

Saal qunnamtii ifa ta’e fuula feesbuukii irratti gadilakkifaman miliyoona 21 ji’oottan sadan darbanitti akka ka’an godhamuu ibsameera.

Preezdaantiin itti aanaa feesbuukii  Gaayi Roozan, seeralummaan feesbuukii irratti hojjetaman too’achuuf hojii baay’een hojjetamaa jiraachuu eerun, hojiin kun gara fuula duraatti teekinooloojiin deeggaramuun cimee itti fufa jedhaniiru.

Madda: www.huffingtonpost.co.uk