Tiwiitariin tajaajila isaa maamila milyoona 70 irraa adda kute

Finfinnee, Adoolessa 02,2010(FBC)-Tiwiitariin ji’oottan lamaan darban keessatti tajaajila maamiltoota miliyoona 70 adda kutuu beeksiise.

Dhaabbatichi tajaajila maamiltoota isaa irraa adda kutuu kan danda’eef odeeffannoo sirrii hin taane toora miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’an hir’isuuf jedhame.

Tiwiitariin maamiltoota miliyoona 336 kan qabu yoo ta’u, kana keessaa miliyoonni 70 fayyadama irratti rakkoo waan qabaniif tajaajila adda kute.

Ji’oottan lamaan darbanitti guyyaatti tajaajila miliyoona 1 adda kutaa kan ture ta’uu fi haalli kun hanga ji’a Hagayyaatti cimsee itti fufa.

Miidiyaa hawaasaa haalan kanneen hin fayyadamne irraa tajaajilli kun cituu danda’a jedhameera.

Madda:.reuters.com