Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qorannaa sa’aa 24tin namoonni 4 vaayrasii koroonaatin qabamaniiru

Finfinnee,Caamsaa 14, 2012 (FBC) – Oromiyaatti qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbetti namoota 292f taasifameen, namoonni 4 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

 Namoota guyyaa har’aa vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa 3 jiraattoota magaala Burraayyuu yoo ta’an, tokko jiraataa Godina Harargee Bahaa ta’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksise.
 
Koorniyaadhan hundinuu dhiira.
 
Namoonni sadi seenaa imala alaa hin qaban.
 
Inni tokko seenaa imala alaa qaba.

Tuttuqaa qabaachuufi dhabuu isaanii qoratamaa jiraachuu Biirichi beeksiseera.
 
Oromiyaatti waliigala lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii 25 ga’eera.
 
Namoonnii 10 dhibicharraa dandamataniiru.
 
Namoonni 14 ammoo yaalarratti argamu.
 
Namni tokko lubbuun darbeera.
 
Hanga ammaatti namoota kuma 3 fi 769f qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Akka biyyaattii Sa’aa 24 darbe keessa samuudaan namoota 3,645 qoratamuu isaa kan yaadatamuudha.
 
Waliigala Ityoophiyaatti namoota 73,164f qorannaan laabraatoorii taasifameera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.