Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 103 ga’eera

Finfinnee, Caamsaa 28, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti lakkoofsi namoota Covid -19 qabamanii 103 ga’eera.

Naannichaa qorannaa laabraatoorii sa’aa 24 darbetti namoota 887 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 11 argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oroomiyaa beeksise.

Umriin isaanii waggaa 5 hanga 60 yoo ta’u kooriniyaadhaan dhiira 5 fi dubartoota  6 ta’uu ibsameera.

Namoonni 5 magaalaa Adaamaa.

Namoonni 2 magaalaa Burraayyuu.

Namni 1 magaalaa Sabbataa.

Namni  1 Godina Shawaa Lixaa.

Namni 1 Godina Shawaa Bahaa.

Teessoon nama 1 qulqullaa’aa jira.

Naqmoonni 5 tuttuqaas ta’ee seenaa imala hin qaban.

Namoonni 6 ammoo namoota dhibichaan qabaman waliin tuttuqaa qabu.

Waliigala namoonni  20 dandamataniiru.

Namoonni 80 yaalarratti argamu.

Namoonni 3 lubbuun darbaniiru.

Dubartiin umrii waggaa 35  har’a duute, reeffasaarraa samuudaa fedhatameen kan mirkanaa’eedha.

Waliigala naannichatti erga baayrasiin kun muul’ate namoota kuma 9 fi 765 qorannoon laabraatoorii gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.