Fana: At a Speed of Life!

Obbo Lidatuu Ayyaaleew yakka meeshaalee waraanaa hin eeyyamamne qabachuun himanni irratti dhiyaate

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Abbaan Alangaa obbo Lidatuu Ayyaaleew yakka meeshaalee waraanaa hin eeyyamamne qabachuun himata irratti dhiyeesse.
Abbaan Alangaa waliigalaa godina Shawaa Bahaa obbo Lidatuun labsii bulchiinsa meeshaalee waraanaa 1177/2012, keewwata 22, keewwata xiqqaa 3 jalatti tumame darbuun meeshaalee waraanaa hin eeyyamamne qabatanii argaman jechuun himatatti dhiyeesseera.
Obbo Lidatuun jeequmsa Waxabajjii 23 fi 24, 2012 magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame maallaqaan deeggaruu fi qindeessaa turan jechuun qorannoon irratti taasiifamuu turuun kan yaadatamuudha.
Manni murtichaa dhadhacha waaree boodaan himata abbaan alangaa dhiyyeessa dhaga’eera.
Sakkatta’iinsa poolisiin Hagayya 18, 2012 mana jireenyaa obbo Lidatuu magaalaa Bishooftuutti argamutti taasiseen Shugguxiin tokko kaartaa tokkoo fi rasasaa 16 waliin argamuu dhiyaateera.
Meeshaa eeyyama hin qabne meeshaa seeraan alaa ta’uu isaan himanni irratti dhiyaachuu abbaan alangaa dhadhachirarratti eereera.
Obbo Lidatuun abuukaatoota lamaa bakka kan buufatan yoo ta’u, manni murtichaa hojii eenyumaa isaanii mirkaneessuu hojjetaeera.
Obbo Lidatuun nama siyaasaa fi hojii daldalaan kan bulan ta’uu galmeesseera.
Dabalataan sadarkaan barnootaa isaanii digrii jalqabaa fi digrii 2ffaa ta’uu galmee mirkaneessa eenyummaarratti galmeessaniiru.
Obbo Lidatuun dhibee onnee qabaachuu fi hojii baqaqsanii yaaluu hojjetameefiin onnee namtolcheen kan jiran ta’uu abuukaatoonni isaa barreeffaman dhadhachichaaf dhiyeessaniiru.
Dhibichi dhibee vaayrasii koroonaaf kan isaan saaxilu ta’uu eeruun, yakki ittiin himataman mirga wabii hin dhorku waanta’eef mirgi wabii eeggameefi yaala isaanii akka hordofan gaafataniiru.
Abbaan alangaa gara alaatti yoo ba’an deebi’uu dhabuu, ragaa dhaga’amu dheeffuu danda’u jechuun mirga wabii gaafatame mormeera.
Manni murtichaa mormii lamaan dhaggeeffachuun gaaffii mirga wabii fi mormii ka’e ilaaluuf booruu sa’aatii 4:00tti beellama jijjiirraa laateera.
Taariik Addunyaatu gabaase
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.