Fana: At a Speed of Life!

Ejansiin Nageenya Infoormeeshinii hojmaata eeruu malaamaltummaa fi qabeenyaa ifoomse

Finfinnee, Sadaasa 10, 2013 (FBC) – Ejansiin Nageenya Infoormeeshinii tajaajila hojmaata eeruu malaamaltummaa fi qabeenyaa fooyyeessuu ifoomse.

 

Ejansiin Nageenya Infoormeeshinii guyyaa farra malaamaltumaa akka Ityoophiyaatti yeroo 16ffaaf akka addunyaatti yeroo 17ffaaf kabajamu kabajeera.

 

Daayreektarri ejansichaa Dooktar Shumatee Gizaw hojmaata malaamaltummaa ittisuuf tajaajilu fooyyeessun danda’amuu eeraniiru.
Hojmaanni haaraan kun tajaajila eeruu laachuu, galmee qabeenyaa fi gabaasa muul’isuuf kan tajaajilu ta’uu ibsaniiru.

 

Odeeffannoowwan malaamaltummaan walqabatan qaamni kamiiyyuu bilbila harkaa, Koompiiyuutaraa fi Interneetii fayyadamuun iddoo jiruu eeruu laachuu akka danda’uu ta’ee kan qophaa’e ta’uu eeraniiru.
Hojmaatichaan Komishinii Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa waliin ta’uun kanneen qabeenya isaanii galmeessanii fi hin galmeessine haala salphaan adda baasuun kan danda’amu ta’uu ibsameera.
Hojmaanni ejansichi ifoomse dhaabbileen mootummaa hundi akka itti fayyadaman kan taasiisu ta’uu itti aanaan Komishinii Namuusaa fi Farra Malaamaltummaa Komishinar Waddoo Axxoon ibsaniiru.

 

Hojmaatichi farra malaamaltummaa bifa ammayyaan hordofuuf kan gargaaru ta’uu kaasaniiru.

 

Sagantaa har’aan hoggantoonni olaanoon Ejansii Nageenya Infoormeeshinii qabeenya isaanii galmeessisiisaniiru.

 

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.