Fana: At a Speed of Life!

Bu’uuraalee misoomaa diiguun diina ummataa ta’uu mirkaneessa – Abbootii Gadaa

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Bu’uuraalee misoomaa baasii olaanan ijaarraman barbadeessuun diina ummataa ta’uu mirkaneessudha jedhan Abbootiin Gadaa Gujii.
Haleellaan murni ABUT Raayyaa Itisa Biyyaa Izzii Kaabarratti raawwate gochaa qaaneessaa ta’uu Abbootiin Gadaa kunneen himaniiru.
Gareen kun yeroo ammaa abdii kutachuun bu’uuralee misoomaa ummanni itti fayyadamu barbadeessaa jira.
Murni ABUT buufata xiyyaaraa dabalatee bu’uuraalee misoomaa baasii olaanaan hojjetaman barbadeessuun diina ummataa ta’uu agarsiisa jedhan Abbootiin Gadaa Gujii.
Gareen kaleessa Ityoophiyaa fi ummata miidhaa ture yeroo ammaa ammoo bu’uuraalee misoomaa barbadeessuun isaa badii badii caalu jedhan Abbaan Gadaa Giirjoo Godaanaa.
Bu’uuraale misoomaa maallaqa ummataan hojjetaman barbadeessuun caalmatti diina ummataa ta’uu agarsiisa jedhan Abbaan Gadaa Bookkoo Ganaallee.
Garee kana seerattai dhiyeessuun barbaachisaa jedhan abbootiin Gadaa kunneen.
Duulli mootummaa federaalaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf naannoo Tigraayitti gaggeeffamaa jiru duula ummata baraaruu ta’uu hubatamuu qaba jedhan.
Maddi:- TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.