Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Gaambeellaatti namoonni gochaa shororkeessummaan shakkaman 65 too’ataman

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) –Naannoo Gaambeellaatti namoonni garee finxaaleyyii ABUT fi ABO shanee waliin hidhata qabaachuun shakkaman 65 too’annoo jala ooluu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksise.
Shira badii garee finxaaleyyii fashaleessuuf hawaasni qaamolee nageenyaa cinaa dhaabbachuu akka qaban waamichi taasiifameera.
Shakkamtoonni too’annoo jala oolan ummataa fi dhaabbileerra badii qaqqabsiisuuf shira xaxaa osoo jiranuu too’atamuu Komishinarri Komishinii Poolisii Naannoo Gaambeellaa Komaandar Umaan Ugaalaan ibsaniiru.
Komishiniin Poolisii naannichaa qaamolee nageenyaa federaalaa waliin ta’uun hodoffii hanga guyyaa kaleessatti taasiseen shakkamtoota 65 too’annoo jala oolchuu ibsaniiru.
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.