Fana: At a Speed of Life!

Tattaaffii qaal’iinsa gatii ittisuuf taasiifamu qaamoleen dhimmi ilaallatu deeggaruu qabu – Ministeera Daldalaa fi Indaastirii

Finfinnee, Sadaasa 17, 2013 (FBC) – Tattaaffii qaala’iinsa gatii ittisuuf taasiifamu shamattoonnni fi hawaasni daldalaa deeggaruu akka qaban Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii ibseera.
Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuu gaggeeffamaa jiru hordofee qaala’iinsi gatii hin barbaachifne akka hin uumamne karoora ijaarsa sadarkaa sadarkaan jiru waliin hojjechuuf dandeessu qopheessuun gara hojiitti galuu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii eereera.
Haala waqtaawaa hordofee daldalli alaa akka hin hir’ifne hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
Baatiwwan arfan darbanitti daldala alaarraa Doolaara biiliyoona 1.7 argachuuf karoorfamee Doolaarri biiliyoonni 1.1 argamuu ibsameera.
Akkasumas baatii Onkololeessaa 2013 Doolaara miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 80 argachuuf karoorfamee Doolaarri miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 58 argamuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allebal ibsaniiru.
Gabarratti hanqinne dhiyeessii akka hin muudanneef Zayni Liitirri miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 92 qaraxarraa bilisaan galuu fi Sukkaarri miiliyoonni 4 gara biyya keessa galuu kaasaniiru.
Waliigala hanqinni dhiyeessii oomishaa akka hin muudanne baadiyyaa hanga magaalaatti walitti hidhamiinsaan hojjetamaa jiraachuu obbo Malaakuu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.