Fana: At a Speed of Life!

Rasaasni seeraan ala konkolaataan imalaa tura kumni 2 fi 525 to’atame

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (FBC) – Rasaasni seeraan ala konkolaataan imalaa tura kumni 2 fi 525 to’atamuu Komishiinii Gumruukaa Federaalaatti dameen Kombochaa beeksise.
Rasaasni kunneen halkan edaa sakattoo buufata to’annoo Waldiyaatti taasiifameen to’atamuu dursaan garee barnootaa fi leenjii maamiltootaa obbo Asaaminaw Adaanaa ibsaniiru.
Konkolaataan fe’umsaa ISUZII jedhame qullubbii keessa dhoksuun Allaamaaxaa gara magaalaa Bahaar Daar geessuuf wayita imalaa ture to’atamuu himaniiru.
Hirmaannaa qaamoleen nageenyaa taasiisaniin konkolaachisaa dabalatee shakkamtoonni 3 to’annoo jala ooluu himameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.