Fana: At a Speed of Life!

Wixineen labsii eksaayiz taaksii fooyya’ee bahe haqa qabeesummaa hawaasummaa fi diinagdee kan mirkaneessudha jedhame

Finfinnee, Muddee 21, 2012 (FBC) – Wixinee labsii eksaayiz taaksii haaraa fooyya’ee bahe irratti hubannoo dabalataa uumuuf mariin paanaalii Hooteela Iskaay Laayitiitti gaggeeffamaa jira.

Marii kana Ministeerri Galiiwwaanii fi Ministeerri Mallaqqaa walta’iinsan kan qopheessan yoo ta’u, wixinicha ilaalchsee yaada dabalataa walitti qabuu fi dhimmicha irratti iftoomina uumuuf akka ta’e ibsameera.

Ministirri Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebee maricharratti argamuun ibsa laataniin, marichi dhimmoota iftoomina barbaadan irratti iftoomina uumuu fi yaada galtee dabalataa walitti qabuuf marii qophaa’e ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan haala sassaabbii galii ammayyaa fi fooyya’aa ta’e taasiisuuf tarkaanfiiwwan garaa garaa fudhachaa turuu kan eeran aadde Adaanach, hojii hojjetameen haalli sassaabbii galii fooyya’uu fi seerri mirkanaa’aa jiraachuu dubbataniiru.

Hawaasa daldalaaf tajaajila si’ataa fi yeroo isaa eeggate laachuu irratti jalqabbiin jiru abdii kan nammatti horuudha jedhan.

Wixineen labsii taksii dabalata galii fooyya’ee bahe kunis sassaabbii galii fooyyeessuun hawaasni hunda walqixa fayyadamoo akka ta’an kan mirkaneessudha jedhan aadde Adaanich.

Fooyya’iinsi kun bu’ura taaksii babal’isuu fi irra deddeebii taaksii hambiisuun daldala alaa dorgomaa taasiisuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Biyyootni Afrikaa Sahaaraa gaditti argaman gosa taaksii kana irraa %1.4 galii kan argatan yoo ta’u, Ityoophiyaan oomisha walii galaa irraa %0.7 qofa galii walitti qabuun sadarkaa gadi aanaa irratti argamti jedhameera.

Marii panaalii kana irrattis bakka buutonni hawaasa daldalaa, miidiyaalee fi qooda fudhattoonni hirmaachaa akka jiran ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.