Fana: At a Speed of Life!

Finfinnee, Bitootessa 28, 2013 (FBC) – Fiigicha meetira kuma 10 sagantaa baniinsa Shaampiyoonaa Atleetiksii Ityoophiyaa waggaa 50ffaa har’a gaggeeffameen Atleet Barihee Aragaawwii injifateera.

Fiigichi xummuraa fageenya meetira kuma 10 har’a sa’aatii 12:50 irraa eegaluun dhiiroota gidduutti gaggeeffameen Atleet Barihee Aragaawwi 1ffaa, Hagos Gabre Hiyiwaat 2ffaa, Taayyee Girmaa 3ffaa fi Atleet Yoomiif Qajeelchaa sadarkaa 4ffaan xummuraniiru.

Dorgommii Shaampiyoonaa Atleetiksii kanarratti Atleetoonni kumni 1 fi 200 kan hirmaatan yoo ta’u, 500 Atleetooa dubartootaa ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.

Dorgommiin Shaampiyoonaa Atleetiksii Ityoophiyaa waggaa 50ffaa kun guyyoota 6f kan turu ta’uu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.