Fana: At a Speed of Life!

Godina Gujiitti dhaabbiin biqiltuu eegalame

Finfinnee, Caamsaa 5, 2013 (FBC) – Godina Gujiitti Dhaabbiin Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa fi Idilee Aanaa Adoolaa Reeddeetti bakka hoggantootni olaanoo godinaa fi naannoo argamanitti eegalameera.

Godinichatti dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa magariisaatii fi Idileen Biqiltuuwwaan akaakuu garaagaraa miiliyoona dhibba1 fi miiliyoona 21 fi kuma dhibba 4 aanaalee godinichaa 15 fi magaalota 3 keessatti dhaabuuf sagantaan baniinsaa guyyaa Aanaa Adoolaa Reeddee ganda Daandeetti eegalamuu himameera.

Itti Aanaa hogganaan Waajjira Qonnaa fi Qabeenya Uumama godinichaa obbo Nageessaa Waaqoon godinichatti Lafa Hektaara Kuma 49 fi 237 irratti biqiltuuwwaan mukkeen gosa garaagaraa dhiibuuf gara hojiitti galamuu himaniiru.

Dhaabbii biqiltuu kanaarratti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 30 fi 664 ni hirmaatu jedhan.

Saganticharratti bulchaa godinichaa obbo Taaddalaa Uddoo dabalatee Abbootiin Gadaa fi keessummoonni kabajaa argamuu waajjirri dhimmoota kominikeeshinii godinichaa beeksiseera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;https://www.facebook.com/fanabroadcasting

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.