Fana: At a Speed of Life!

Jaappaanitti Konkolaachisaan baabura haalaan saffisu dhiisee mana fincaanii seene adabamuufi

Finfinnee, Caamsaa 14, 2013 (FBC) – Jaappaaniitti konkolaachisaan baabura saffisa olaanaan imalaa jiru keessaa ba’uun mana fincaanii deeme adabamuufi.
Kokolaachisaan yookiin shofeerri baaburaa kun nama akka eegduutti baaburarra hojjetuu fi eeyyama konkolaachisummaa hinqabne waamee baabura sa’aatii tokkotti fageenya km 150 fiigu itti dhiisee deemuu isaa miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Baaburi Hikari 633 jedhamu yeroof namoota 160 of keessaa qaba ture jedhame.
Taateen kun garuu baabura kana balaarra hin buufnes jedhameera.
Konkolaachisaan ganna 36 maqaan isaa hin dhahamne garaachi dhukkubee mana fincaanii deemuun dirqama akka itti ta’e ibsameera.
Maddi:-BBC
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.