Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Booraanaa eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 4, 2013 (FBC) – Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministirri Ministeera dhaabbilee Barnootaa olaanoo Dooktar Saamu’eel Urqaatoo Yuunvarsiitii Booraanaa eebbisiisan.
Yuunvarsiitichi baasii Birrii miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 50 ijaarramee jedhameera.
Lafa hektaara 50 irratti kan ijaarrame ta’uu ibsameera.
Bara kana gosa barnootaa 15 barattoota 600 simatee barsiisa jedhameera.
Sirna eebbichaarratti Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi Ministira Ministeera Barnootaa Dooktar Injiinar Geetahuun Makuriyaa dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa Federaalaa fi naannolee  argamaniiru.
Godina Booraanaatti bara kana Proojektoonni misoomaa 136 baasii Birrii biiliyoonaa 2.7 oliin hojjetaman xummuramuun tajaajila eegalaniiru jedhame.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.